የባለድርሻ አካላት የግንዛቤ ማስጨበጫ መርሐግብር ተከናወነ።
በኦሮሚያ ክልል ለሚከናወነው የአጀንዳ ማሰባሰብ የምክክር ምዕራፍ የቅድመ ዝግጅት ተግባራት ቀጥለዋል።
በዛሬው ዕለትም በኦሮሚያ ክልል ተቋማትና ማኅበራትን ወክለው በአጀንዳ ማሰባሰብ የምክክር ምዕራፍ ላይ የሚሳተፉ ባለድርሻ አካላት የግንዛቤ ማስጠበጫ ገለጻ ተደርጎላቸዋል።
ባለድርሻ አካላቱ የሀገራዊ ምክክር ምንነት፣ አስፈላጊነትና ሂደትን በተመለከተ ዝርዝር ማብራሪያ ተሰጥቷቸዋል።
ባለድርሻ አካላቱ ከፖለቲካ ፓርቲዎች፣ ከሃይማኖት ተቋማት፣ ከተጽዕኖ ፈጣሪዎች፣ ከሲቪክ ማኅበራትና ከሦስቱ የመንግሥት ተቋማት የተወጣጡ ናቸው።
አጀንዳዎች የሚሰበሰቡትን ቴክኒካዊ ምዕራፎች በተመለከተም ባለድርሻ አካላቱ ጥያቄዎችን አቅርበው ምላሽ ተሰጥቷቸዋል።
Naannoo Oromiyaa
Muddee 2/2017
Adaamaa
Mariin hubannoo adeemsa ajandaa walitti qabuu qooda fudhattoota waliin taasifame.
Hojiin qophii ajandaa marii walitti qabuu naannoo Oromiyaa itti fufee jira.
Guyyaa har’aa bakka bu’oota dhaabbilee fi waldaalee adda addaa naannichatti waltajjii ajandaa marii walitti qabuu irratti hirmaataniif ibsi hubannoo kennameera.
Maalummaa, barbaachisummaa fi adeemsa marii biyyaalessaa irratti qooda fudhattootaaf ibsi bal’aan kennameera.
Qooda fudhattoonni kunneenis paartilee siyaasaa, dhaabbilee amantaa, namoota dhiibbaa uuman, waldaalee siivilii fi qaamolee mootummaa sadan irraa kan walitti dhufaniidha.
Teeknikawwan ajandaa walitti qabuu ilaalchisee gaaffilee qooda fudhattoonni dhiyeessaniifis ibsi laatameera.