የኢትዮጵያ ሀገራዊ ምክክር ኮሚሽን

የኦሮሚያ ክልል የአጀንዳ ማሰባሰብ የምክክር ምዕራፍ በይፋ ተጀመረ።

oromia agenda (3)
ታህሳስ 7/2017 ዓ.ም
የኢትዮጵያ ሀገራዊ ምክክር ኮሚሽን በኦሮሚያ ክልል የሚያከናውነው የአጀንዳ ማሰባሰብ የምክክር ምዕራፍ የመክፈቻ ሥነሥርዓት ዛሬ ጠዋት በአዳማ ሳይንስና ቴክኖሎጂ ዩንቨርሲቲ ተካሂዷል።
በመድረኩ ላይ ንግግር ያደረጉት የኮሚሽኑ ዋና ኮሚሽነር መሥፍን አርአያ (ፕሮፌሰር) በኢትዮጵያ ያሉ የአለመግባባት ችግሮችን በዘላቂነት ለመፍታት መመካከር አስፈላጊ ነው ብለዋል።
ኮሚሽኑ እጅግ መሠረታዊ የአለመግባባት መንስኤዎችን በአጀንዳ መልክ በማሰባሰብ ስኬታማ ሥራዎችን እያከናወነ መሆኑንም ተናግረዋል።
ዋና ኮሚሽነሩ የምክክሩ ተሳታፊዎች ሀገራዊ ፋይዳ ያላቸውን የምክክር አጀንዳዎች በመለየት ለኮሚሽኑ እንዲያስረክቡ ጥሪ አቅርበዋል።
በሂደቱ ድጋፍ ለሚያደርጉ የመንግሥት ተቋማት፣ ዩንቨርስቲዎች፣ የፀጥታ ኃይሎች፣ ሚዲያዎችና የአዳማ ከተማ ነዋሪዎችን በኮሚሽኑ ስም አመስግነዋል።
በሥነሥርዓቱ ላይ የኮሚሽኑ ኮሚሽነሮች፣ ጥሪ የተደረገላቸው እንግዶችና ከ7ሺ በላይ የሚሆኑ የምክክር ተሳታፊዎች ተገኝተዋል።
=====================================
ENDC/Afaan Oromoo
Marsaan marii ajandaa walitti qabuu naannoo Oromiyaa ifatti eegalameera.
Muddee 7/2017
Adaamaa
Sirni baniinsa marsaa ajandaa mariii walitti qabuu naannoo Oromiyaa ganama har’aa Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa keessatti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Koomishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ar’ayaa rakkoolee walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti mul’atan karaa itti fufiinsa qabuun furuuf mariin barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas komishinichi sababoota walitti bu’iinsaa bu’uura ta’an bifa ajandaatiin walitti qabuun hojii milkaa’aa hojjechaa akka jirus ibsaniiru.
Hirmaattonni marii kanaa ajandaawwan marii barbaachisummaa biyyaalessaa qaban adda baasuun komishinichaaf akka dhiyeessan Komishinarri Olaanaan kun waamicha dhiyeessaniiru.
Dhaabbilee mootummaa, yuunivarsiitota, humnoota nageenyaa, miidiyaalee fi jiraattota magaalaa Adaamaa adeemsa kana keessatti deeggarsa taasisan maqaa komishinichaan galateeffataniiru.
Sirna kanarratti komishinaroonni komishinichaa, keessummoonni affeeramanii fi hirmaattonni marii kanaa kuma 7 ol argamaniiru.