የኢትዮጵያ ሀገራዊ ምክክር ኮሚሽን

የሞደሬተሮች ሥልጠና ተከናወነ
ታህሳስ 1/2017 ዓ.ም
በኦሮሚያ ክልል በሚቀጥለው ሳምንት ለሚጀመረው የአጀንዳ ማሰባሰብ የምክክር ምዕራፍ የሞደሬተሮች ሥልጠና ተከናውኗል።
ሞደሬተሮቹ በክልሉ ለሚከናወነው የአጀንዳ ማሰባሰብ ሂደት ያላቸውን ሚና በተመለከተ ማብራሪያ ተሰጥቷቸዋል።
48 ሞደሬተሮች በተገኙበት በዚህ ሥልጠና ሞደሬተሮች የአጀንዳ ማሰባሰብ ተሳታፊዎችን በቡድን የማደራጀት፣ የሂደቱን ቅደምተ ተከተል ማሳለጥ፣ በጎ ፈቃደኞችን የማሰማራትና ኮሚሽኑ በክልሉ በሚያከናውናቸው ዝርዝር ቴክኒካዊ የምክክር ሂደደቶች ላይ እንዳላቸው ተገልጿል።
የኢትዮጵያ ሀገራዊ ምክክር ኮሚሽን በኦሮሚያ ክልል ለሚያከናውነው የአጀንዳ ማሰባሰብ የምክክር ምዕራፍ የቅድመ ዝግጅት ሥራዎችን በስፋት እያከናወነ ነው።
Naannoo Oromiyaa
Muddee 1/2017
Adaamaa
Haala Mijeessitootaf leenjiin kennameera
Waltajjii ajandaa marii walitti qabuu torbee dhufu eegaluuf haala mijeessitoota/moodareetarootaf leenjin kennameera.
Adeemsa marii ajandaa walitti qabuu keessatti ga’een isaanii maal ta’uu akka qabu haala mijeessitootaf ibsi kennameera.
Leenjii kana haala mijeessitoonni 48 kan fudhatan yoo ta’u, adeemsa marii kana keessatti hirmaattota marichaa gareen gurmeessuu, tartiiba adeemsa marii qindeessuu, tola ooltota bobbaasuu dabalatee hojiilee teeknikaa komishinichi waltajjii marichaa ilaslchisee diriirsu keessatti ga’een isaanii maal ta’uu akka qabu ibsameera.
Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa waltajjii ajandaa marii walitti qabuu naanoo Oromiyaatti taasifamuuf qophii barbaachisu hunda taasisaa jira.